07/10/2026
tokko keessaa eennummaa keeti haqi.
------------------------------------
Dubbii sagalee Waaqayyootti fayyadamee yaada garaasaa gulaaluun gara Waaqaatti namummaasaa deebisuurra, dubbii seera
Waaqaa yaada garaa isaatiin gulaaluun, akka isaaniif mijatutti hiikkatanii tajaajiltoonni socho'an dhaloota balaarra buusaa jiru. ati maqaa tajaajilaatiin seera Waaqaa daffartu eennuttuu siif eeyyame? Sagaleen isaa akkuma
amma ati tajaajilaa jirtu ykn hojjattu kana akka gootu sitti himee? osoo bakka Waaqaa
bu’ee si gaafadhee deebii quubsaa naaf kennitaa? bakka Waaqaa bu’ee si gaafadhaa naaf deebisuuf yaaltaa?: ati bishaan, Zaayita ykn wantoota birootti kadhattee, suuraakee itti maxxansitee itti kadhatameeraa bitadhaa, jettuuf eennyuttu siif eeyyame? Yookiin Maaliif kana goote? Fayyinnaa lubbuu qofa osoo hin taane kan fooniis isa Kiristoos fannoorratti toluma ilmaan namootaatiif kenne ati maaliif qarshiitti jijjiirte? araadaa taatee Kiristoos gowwoome moo Kiristoosiin caalteeti; yookiin kiristoos akkas godhuu wallaalee ati sirreessuuf jalqabdee? dhaloonni Zaayita ykn wantoota ati itti kadhadheera jettee gurgute san bitatee manatti galee dhungatu, ykn diinqa isaa kaa’atee rakkinna ittiin eegatuu fi ijasaa Waaqarraa kaasee wanticharra kaa’atu dhuguma miira akkamiitti sitti dhaga’ama? Tooftaa garaakeetii gara wangeelaatti fiduu diddee maaliif wangeelaafi ergaa isaa gara tooftaa garaa keetii kan sifaalutti fiddee warqee, meetii fi dafqa namaa kan kee godhatte?
sitti hin baay’isu. Tarii gaaffii kana naaf deebisuuf kutaa Kitaaba Qulqulluu naaf kaasuu
malta! Inni ati " Qulqulluun akkas jedha" jettee amma sammuu keeti keessa dhufu sun dhuguma kutaa Kitaaba Woyyichaa si deeggare moo isati yaada garaa keetii raawwachuuf kuticha gara fedha mataa keetitti fidde? , "hojuma tajaajila mana Waaqaatiif kana godha; ofiif waan godhadhu hin qabu" jechuu malta.
Ani ammaayyuu hin nyaatin hin dhugin siin hin jenne. Yookiin Qabeenya uummataa saamaa jirta hin jenne. Garuu "Maaf gatii si kafalchiisuu fi itti gaafatamummaa dhugaa ati fudhatteen sirra kaa’ame, akka isaatti gatii kafaluu diduuf akka garaa keetiitti imala karaa amma irra adeemaa jirtu kanaa filatte?" siin jedhe malee!
’ee waan kadhatteef, Waaqayyo dinqii waan inni siin hojjateef seera ykn dhugaa
Wangeelaatiin olitti bakka siif waan kennu sitti fakkaatee? Kana beeki! Kiristaana dhugaa yoo
taate, baayee Waaqayyotti dhiyaachuuf nama kenna dinqiitiin isa tajaajilu taatee filatamuun keeti, namoota kamirraayyuu caalaa akka ati sagalee Waaqayyoof bitamtu si godhuu danda’uu qaba.
gaaffilee asiin olitti an kaase kanaaf deebii akkamiittu yaada keeti keessa naanna’aa jira?
osoo deebii amma sammuu kee keessa jiru sana Kiristoosiif deebistee, sirriidha jettee yaadda? Mee dhugumaan si gaafadha, kutaa Kitaaba Qulqulluu isa kamtu si deeggara? Hin jiruuuu!
taateree ati? dhageeffattee ykn dubbistee osoo amma murtee ofirratti hin fudhatin dhiistee irra darbita? Ati osoo akkuma kaleessaa irra darbiteeyyuu dhugaan isaa gurra keeti, qaama keetiif, sammuu keeti keessaa sitti iyya. ooluu hin dandeettu. Waaqayyo dhugaadha. jechuun ammoo dirree Waaqayyo haqaan keessatti hojjatuudha. Dirree haqaatti “ani sitti dhiyaadha; seenaa baay’ee waliin dabarsinee; olmaa hedduu siif oolee, ykn ani warra kaanirra nama yeroo hunda fuula keeti dura jiru” jechuun haqicha bakkaa hin kaasu. Inni kun addunyaa kana keessattiiyyu akkasuma. Kan Waaqayyo ammoo kana caala. “ati natti dhiyaatta; anaaf jettee ykn hojii kiyyaaf jettee kana goote waan ta’eef dhugaa qabda” siin hin jedhu. yaada garaa keetii
isa ati ittiin dhugaa dabsite sana diiga. ’ool waaqayyoon, “Ani Waaqayyoof aarsaa dhiyeessuuf horii babbareedoo kana filee hambisee” jennaan deebiin Waaqayyoo ammoo “ajajamuuttu dursa mitii?” kan jedhu ture. Mootii akka inni ta’u Waaqayyottu jaallatee barbaadee filate. inni isa Waaqi dubbiisaatiin ajaje hojiitti waan hin hiikneef Waaqayyo sammuu keessaa fuudhe. waan Waaqayyotii hin tolle kana hojjechaa, fayyinna dhiigaa isa tola karaa lubbuutiin dhufe tola kennuu diddee qarshiin jijjiiraa nagana jiraachuun kee bara araaraa keessa akka jirtu hin dagatin. Bara araaraatti Waaqayyo akka nuuti fuulasaa duratti araaraan deddeebinu nu godha; obsaan nu eega. Inni yeroo hundumaaf kan ta’u dhiigasaa yeroo dhumaatiif waan dhangalaaseef, gatii hojii nama hundumaa guyyaa muraatiif kaa’eera.
Tewoflos