Jaal A.Seenaa

Website

Jaal A.Seenaa Freedom fighter

24/05/2026

Mammaassa isa namoonni abdii hin qabne jedhanii ittiin of ibsaa turan san seenaan jijjiirreejechuu ni dandeenya.

Hojiilee bifa kamiitu keessatti hundumtuu murannoo argisiisee,ciniinnatee humna wal fakkaataan waan wal fakkaataa tokko hojjechuu hin danda'u.
Haala jiruun wal caaluu fi wal dursuun kuni dirqamaa fi heera uumati.

Seenaa qabsoo bifa hedduu, saboota addunyaa hedduun ta'ee sadarkaa idil-addunyaatti beekaman baay'ee keessatti cichoomina qabsoon sun barbaadde argisiisuun yeroo inni tokko dhuunfaan abbaa seenaa dilbii ta'ee waamamus arginee jirra.

Sochii warraaqsa bifa gara garaa, guyyootaa fi baroota wal fakkaataa ykn haala gara garaa, biyya takka keessatti, qubsuma lafaa bal'aa fi teessuma lafaa fuula gara garaa ta'e irratti, cichoomina hawaasi qubsuma kallattii tokko qubatee jiru argisiisen injifannoo sabaa argameen seenaa teessuma fuula qubsuma lafaan galmaa'ee addunyaa irratti faarfames dubbifnee, arginee jirra.

Sochii hawaasi hidda dhalootan hundeen tokkoo waliin godhe san keessatti cichoomina addaa fi itti fufa sochii warraaqsicha barbaadamee argisiisuun kallattii teessuma lafaa,gosoota ykn qomoo saba saniin akka mallattoo qabsoo bilisummaa saba sanitti faarfamanillee dubbifnees arginee jirra.

Kan oromoo tarii qabsoon keenya sababa xumura hin argatiniif ta'uu mala.,seenaa hojjetamee darbe wal saamuu yaaluu fi waa'een seenaa qabsoo keenyaa fi gootota keenyaa wallaalaa keenyatti bulee gaafii ta'a malee;..

Akka dubbifnee hubannettii fi dhageenyetti warraaqsa sababa bifa gara garaa keessattis ta'ee seenaan nam-tokkeen hojjetamee dhuunfaan ykn sadarkaa maatii ykn sadarkaa balbala gosa tokkotti saba saniin ykn uummata addunyaan, akka fakkii hojii gaariitti beekkamtiin kennameefii, addunyaan hojii kee san deddeebitee waltajjii irratti kaaftee ittiin si faarsituu fi si galateeffattu amayyuu arginee.,ni jira.

Fkn:
Konfiishiyaas,Raa'ool Wallenbarg,Elee'anoor Rooseveelt, Mahaatma Gaandii,Maari'ee Kuri'ee fa'a fakkii qabsaa'ota oromoo dirqama oromummaa bahanii,darbanii kan qabsoo keenyaa goonee bakka buusuun ilaaluu ni dandeenya.

Seenaan hojii cichoominaa ibsu sadarkaa sabaa,gosaa fi qomoon hojjetamee akka cichoomina sabaa fi cichoomina sadarkaa gosaatti addunyaan fakkeenya fudhattee ittiin wal faarsitus ni jira. Kanas dubbifnee arginee jirra.

Fkn:
✍️. durii,Iraan hardhaa fudhachuu ni dandeenya.
Safavid fi gosoota Qizilbash - *Qizilbash* - konfedereeshinii gosa Turkii Azarbaajaanii fi baha Anaatooliyaa irraa ijaare.
- Isaanis mallattoo walabummaa fi eenyummaa Shi’aa irra deebiin hundeessuu isaanitiif Faarsi ta’anii faarfaman.
- “Qizilbash- mootummaa Faarsi deebisee Iraan Shi’aa godhe.”

- Gosa Bakhtiarii fi Qashqaayi:
Yeroo dhiibbaa Ingilizii/Raashiyaa fi Warraaqsa Heera Mootummaa bara 1906-1911:
- *Qashqaayi* Fars keessatti to'annoo Ingilizii fi boodarra mootummaa giddu galeessaa morme.
Isaanis mallattoo “Iraan gosa humnoota alaa ykn mootummaa giddugaleessaa dadhabaa ta’een ajajamuu diduu” danda’an.

- Faarsi fi Qiiros/Daariyoos:- durii hanga ammaatti*
- Qiiros Guddicha, Daariyoos, Persepolis seenaa “qaroomina Faarsi hin cabne” jedhu.
-Farsi naannoo ykn kallattii qubsumaa tokko ture, garuu Iraan walabummaa fi aadaa durii irratti seenaa himamsa ishee hundaaf dhaabbata.

✍️.A.kibbaa jalaa fi Xhosaa yoo fudhanne qabsoon sabaa guutuun seenaa gosootaa kanaa irratti project ta'e.,Yeroo waraana Appaartaayidii fi koloneeffataa *sochii Ajjeechaa Loon Xhosa* fi *mormiin Zulu Isandlwanaatti* seeneffama farra Appaartaayidii keessatti akka mallattoo Afrikaan bitamuu fudhachuu diduutti itti fayyadamaa turan.

✍️. jalaa qomoo *Haayilaandi*,Aayilaandii jalaa qomoo*Uí Néill(IRA's symbolic counties.,
Bara gidduu galeessaa *Uí Néill dynasty* sarara weerara Ingilizii yeroo dheeraaf morme ta'ee yaadatama ture. Jaarraa 19ffaa-20ffaa keessa, kaawuntiin(kutaan) akka *Cork fi Kerry* sababa gahee Waraana Walabummaa keessatti qabaniin mallattoo ta'an. Sabni guutuun akka bakka bu'aa “Irish defiance” jedhutti itti fayyadamaa ture.

✍️. jalaa obboleeyyan Trúng fi boodarra gandoota Kaaba biyyattii keessatti argaman viêt Minh*
*Obboloonni Trưng* fincila bulchiinsa Chaayinaa irratti bara 40 Dh.K.D. Jaarraa 20ffaa keessa naannoowwan buufata Veet Minh gandoota kaabaa keessatti argaman mallattoo qabsoo sabni humnoota Faransaayii fi Ameerikaa irratti geggeessaa ture ta’an.

✍️ . jalaa qomoo Paashtuun(balbala=Ghilzai fi Durrani)
*Afgaanistaan – Gosoota Pashtun * .
Gidduu seenummaa Ingilizii, Sooviyeet fi boodarra biyyoota alaa jalatti gosootni Paashtuun jalaa qomoon akka *Ghilzai fi Durrani* yeroo baayyee akka wiirtuu diddaa Afgaanistaaniitti ol qabamu turan.

Ghilzai fi Durrani mallattoo diddaa Afgaanistaan ta'an jechuun maal jechuudha?

Konfedereeshiniin gosa Paashtuun lamaan sun seenaa gabaabaa “Afgaanistaan gonkumaa hin mo’amne” jedhanii itti fayyadaman ta’an jechuudha.mallattoo diddaa Afghanistan

Oromoonis seenaa sababa barannuuf qabna waan ta'eef sirritti hubachuun gaaridha.

*Maaliif osoo hundumtuu loluu gosoonni kuni addatti mallattoo diddaa Afgaanistaan ta'an? jechuu ni dandeessa.
- *Ghilzai*: Bara 1700moota keessa fincila gurguddaa Mughals irratti, boodarra ammoo waraana Anglo-Afghan 1ffaa bara 1839-42 irratti Ingilizoota irratti geggeesse. Daandii daldalaa bahaa kan to’atan yoo ta’u, bulchuun akka namatti ulfaatutti ilaalama turan.
- *Durrani*: Impaayera Durrani bara 1747 Ahmad Shah Durrani jalatti hundeesse. Seenaa mootummaa Afgaanistaan ammayyaa irra caalaan isaanii gosa bulchaa turan yoo ta'u mootota kan oomishanidha.
Seenaa bulchiinsa oromoon wal fakkaata.

*Wanti “mallattoo ta’ee” qabatamaan hojjeteef:*
*Sabaaf dhaabbachuu isaaniti*: Namoonni alaa “Afgaanoonni Ingilizii/Sooviyeetotaan morman.” yeroo akkas jedhamu yeroo baay’ee waa’ee qabsaa’ota naannoo gosa sanaa dubbachaa turan. Saboonni Afgaanistaan hafan guutuun seenaa sanatti deebi'anii dacha’an.
“Nuti loltoota Ghilzai/Durrani irraa kan dhalanne seenaa walabummaa qabna.” jedhanii dhaadatu. Dhaaddannoo kuni hoggantoota siyaasaa isaanif faayidaa qaba.
Dhugaa himee jeequmsa seenaa wal saamuu salphisa.Ghilzai/Durrani hundi isaanii hin lolle., qomoowwan biroo kan akka , , akkasumas mormaniiru. Garuu mallattoon seeneffama isaanii qulqulluu isaan ni taasisa.

Kanaafuu Ghilzai/Durrani“mallattoo ta’anii” = dhugaan jiru gareewwan hedduu dabalataa kan hirmaachise ta’us, maqaan gosoota kana lamaanii maqaa biyya guutuu bulchiinsa alagaa mormuudhaan qabdu bakka bu’uutti fudhatame.

“Hallmark” jechuun gabaabsanii ibsatanii jiru.

Fakkeenyaf:
- “Diddaan mallattoo seenaa Afgaanistaaniti.”
Diddaan waan seenaa Afgaanistaan namoota baay’eedhaaf ibsu/adda baasudha.
- “Amanummaan mallattoo hoggansa isheeti” = amanamummaan waan adda ta’ee fi akkaataa hoggansa ishee adda baasudha.

Jalqaba mallattoon chaappaa lafarrattii ofiisaa warqee/meetii irratti dhugaa ta'uu isaa mirkaneessu ture. Amma “mallattoo wanti kun dhuguma maal akka ta’e mirkaneessu” qofa ta'e jechuudha.

*️⃣Kuni xiinxala sammuu keenyaan(sammuu ilmaan oromootin) akka hubannutti yoo uummanni suni qabsoo dhugaa ilmaan isaa godhan irratti hubannoo wal fakkaataa qabaate ta'ee fi gumaacha(qooda) xixiqqaa inni kuun hojjete yoo wal jalaa haquu fi seenaa gara taphatti jijjiiruun hin jiraatu ta'e; gosa tokko ykn kutaa biyyaa keessaa kallattii tokko akka mallattoo qabsoo sabaa fi biyya sanitti fudhachuun fayyadamuun gosoota ykn kutaa bulchiinsaa warraaqsa keessatti kaka'uumsa xixiqqaa argisiisanii fi isaan gadi hafan itti fufanii dorgommii akka horatanii fi eenyummaa isaanii irratti akka tokkoomsuf gargaara jennee hubachuu ni dandeenya.
Fakkeenya falaasama Oromoo"daa'imman obbolaa inni tokko goota ta'ee inni tokko sodaataa ta'e,isa sodaataa san ittiin gootomsuuf isa ajjeesef hantuuta san dudda horii irra kaayefii isa hin ajjeesin san xiiqomsuuf ykn haaloo keessa galchuuf hojjetaa tureedha."

Seenaaa jaarraa 15-16ffaa qindoomina Gadayyoo Galgaloo,Oolee Bonayyaa fi Yaayyaa Fulleellee fa'a jalatti qindoonnee d**na lolleen "bu'aa lolli sun oromoo irra darbee Afrikaaf fide qabxii sadii qabu keessaa qabxii tokko "Gaanfa Afrikaa irratti tasgabbiin bu'e" jechuun seenaa oromoo alagaan nuuf barreesse sanitti ardhas seenaa biraa jijjiiruu ni dandeenya.

Akkuma Waaqni ganama lafarratti nu uumettuu hundumti keenya sa'aatii wal fakkaataatti dhalannee, yaannee,kaanee al tokko waan saba keenyaf hin eegallu.

Daballee al tokko yaannee,kaanee waan saba keenyaf hin taane kan boru xuriin duuba keenya jirtus hin hojjennu.

Isaan kun lamaan (gaarii fi yaraa) warri jedhaman seenaa nama waan ta'e tokko lafarratti hojjetee darbee ibsu.

Gurbaa Oromoo isa walakkaa maayikirosekoondii tokkoof si dursee lafarratti waa mul'iseef seenaa gaariis ta'ee yaraa inni hojjete san tissuufin, dhaloota wal utubu kan boru biyya Oromiyaa jedhamtuu fi eenyummaa abbaa isaa waliin wabii ta'ee tiksuuf, dhugaa kana dhaalmayaan dabarsuun mataan isaa haga nama oromoof jedhee corroqa dhugee, corroqa keessa ciisee caalaa gatii ni qaba.oromummaadhas.

Oromoo ta'ee aadaa fi callaqqee duudhaa hardha of taanee ittiin dhaaddannu tana cichoominaan tiksee haga ta'e kan tursee asiin gahe; kan ardha eennuyyuu seenaa uummata oromoo qorachuuf biratti barbaadu qomoos ta'ee,irra wayyaadha, jedhamee Oromiyaa kallattii teessuma lafaatin ibsamu inuma jiraata.

Karaa siyaasaatinis akkasuma ittiin wal dursuu fi kaka'uumsa irratti wal caaluun dirqama ni jiraata.Kun uumama(heera uumaa) ta'uu walii hubachuun jaallannee osoo hin taane akkuma seenaa uummata addunyaa teenyaa dirqamneeti.

Sabni tokko gosaa fi qomoo irraa hanga maatiitti diriiree jiraachuun guddina ykn dagaagina sabichaati malee qoodinsa siyaasaatii miti.Biyya abbaa isaa lafarra walirraa fagaatee qubachuunis guddina.Kunis heera uumaati.Gosi oromoo tokko ykn qomoon oromoo waan oromoon hardha barbaaddu hundumaa guuttatee as gahe hin jiru.Qubsuma lafaanis akkasuma eennuyyuu waan barbaannu hundumaa guuttannee hin jirru.

Ajandaan bu'aa isaa hin beekamnee fi hin ibsamne waa'ee qabsaa'ota oromoo seenaa hojjetanii darban; kallattii teessuma qubsuma uummata oromoo kanatu kana caalaa fi kutaa kanatu kana dursa jechuun wal dorgomsiisuun, miidiyaa hawaasaa irratti namoota hedduun ta'aa jiru arginu akkuma jirutti ta'ee,isa haala bifa kamuu keessatti daandii oromummaa dabe san qajeelchuf jedhee wareegama qabsoon barbaaddu bifa hundaa hanga sa'aatii kanatti baasaa jirruuf, bahi Oromiyaa addatti ,n fi qabsoon ABO/WBO baroota 1960mootaa-1980mootaa gidduu seenaa walitti hidhaa.,dhugaa hin haalamnee fi hin dagatamneedha.

Seenaan darbe Oromiyaa boru ilmaan ishee jalatti tasgabbii argatte keessatti, waltajjii namni guddaan si dhaggeeffatu gubbatti abbaa isaa waan hin dhabneef isa waliin hin rakkatin.,dhalootanis qoqqooduu hin yaalin.,isa onnee osoo hin taane sammuu keessatti dhiifannee, ardha gamuma qabsoo teenya xumura itti gochuuf humna jabaa ta'uutti fuulleffachuu qabna.🙏

Eessallee jiraadhu dhaaba kee tokkicha ABO-WBO jalatti hiriirri!

Jaal Ori'aa

Gootichi WBO'n Zoonii GG Ona Meettaa Roobii Magaalaa laga roobii fi Ardaa faalleetti lola March 21/206 hidhattoota waraa...
23/03/2026

Gootichi WBO'n Zoonii GG Ona Meettaa Roobii Magaalaa laga roobii fi Ardaa faalleetti lola March 21/206 hidhattoota waraana mootummaa waliin godheen injifannoo Guddaa argate.

Lola kanaan:-Waraana mootummaa Abiy irraa hedduu yoo ajjeesu,hedduu maddeessee jira.,hedduu harkaan qabee argisiisee,Meeshaalee waraanaa garaagaraa 56

I U O'f

Dhuguma "artii keessaa lolli isa tokko"jedhee kanin yaadaa ture akkasuma ta'uun mirkaneeffadhe.Aartii yeroo eeggatee abb...
04/03/2026

Dhuguma "artii keessaa lolli isa tokko"jedhee kanin yaadaa ture akkasuma ta'uun mirkaneeffadhe.

Aartii yeroo eeggatee abbaan beeku akka taphachuu danda'u hojiilee aartii gara garaa irraa arginee jirra.

Lolli Iraan takkittiin guyyoota walitti aanan shanan Ameerikaa fi Israa'el dabalee biyyoota saddeet (8) irratti goochaa jirtu sodaatamuu isii keessa darbee kallattii lolaa bifa baay'eetti jijijjiiree,raafama addunyaatti fidee jira.

1.Meeshaan ttisa Misaa'elaa Ameerikaa ( Iron dome) jedhamu biyyoota Arabaa fi Israa'el keessa dhaabbatan, walumaa gala qabeenyi waraanaa fi nageenyaa Amerikaan baha giddu galeessaa qabdu Misaa'ela Iraan ittisuu dadhabuu keessa darbanii Iraaniin manc**famuu isaanii argina.

2.Tiraamp hundee (duubbee) irra dhaabbatee Iraan lolu (Base)dhabuun UK gargaarsa kadhatee ture.Isiinis akka heeyyamtuuf waltajjii irratti walii galanillee booda UK'n gaabbii argisiiftee jirti.

3.Israa'el qondaalota mootummaa isii gara hundumaa biyya gadi dhiisanii gara Jarmanitti akka baqatan ajajjee turte.

4.Mootummoonni Awurooppaa lolli michuun isaanii Ameerikaan ofiin eegalte kun akka isaan hin hanqanne waan hubataniif michuu isaanii waliin lolatti galuuf murteessanii,garuu shakkii fi wal mormii keessa akka jirantu mul'ata.

Lola guyyaa shan gahe keessaa guyyoonni afur walitti aanan roga hundaan injifannoo Iraaniin itti fufee jira.

Ameerikaan carraa lolaa marsaa lammataa yaaluf doonii gurguddoo shanan qabdu keessaa takka qofa manatti hambisuun waraana 50,000 waliin bobbaaftee jirti.

Maaltu itti aana laata?

27/02/2026

Gootichi WBOn kibba bahaa keessa socho'u dheengadda halkan irraa aanaa Martii ganda Farqasaa Jawwii iddoo addaa Gabaa Ambaa Waajjiraa jedhamu keessatti 8 ajjeesee, 12 madeessuun kan irraa hafte ari'ee mooricha keessaa baasuun mooraa ishees abiddaan barbadeessee jira.
Aaanaa Gunaa ganda Moollamee Arjoo iddoo addaa Arjoo jedhamu keessatti 10 irraa ajjeesee, 15 madeessuun kan irraa hafte gargar bittinneessee jira.💪

Gootichi WBO'n kibba bahaa kaleessa Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Dhankaakaa Qonnicha jedhamtu kan magaalaa magaalaa Asallaa irraa kiiloo meetira 9 irratti argamtu keessatti loltoota Bilxiginnaa maqaa sakatta'aa WBO'n bobbaate haleeluun 11 ajjeesee, 19 madoon adabuun lama jiraatti harkaan qabuun kan irraa hafte baqachiisee gara magaalaa Asallaatti deebisee jira.
Qawwee AKM 7, qawwee boodatti hafaa 1, hidhannoo sadii fi qophiilee hiikeera.💪

ONM-ABO | Gurraandhala 27,2026

Injifannoo WBO Zoonii G.galaa guyyaa hardhaa 💪
27/02/2026

Injifannoo WBO Zoonii G.galaa guyyaa hardhaa 💪

18/02/2026

Jiini Gurraandhalli zoonii lixaaf itti fufaan ji'a guutuu milkii yoo jenne hin saalfannu. Guyyoota walitti aanan 8'f yoo xiqqaate meeshaa waraanaa gurguddaa irraa hanga xixiqqaatti 100 ol iddoo adda addaatti hiikamee jira

Dabalee guyyaa hardhaa zoonilee ABO-WBO zoonii lixaa, zoonii GG fi zoonii Kibba bahaaf guyyaa milkii wal fakkaataa itti gonfanne ture. Guyyaa hardhaa zoonilee sadaan kana irraa yoo xiqqaate meeshaa waraanaa gurguddaa irraa hanga xixiqqaatti 100 ol d**na irraa hiikamee galii qabsoo oromoo ta'ee jira.
Guuyyoota shan hin caalle darban gootichi (WBO'n) zoonii Harsadee AKM 50 olii fi meeshalee waraanaa gosa gara garaa irraa hiikuu ni yaaddattu.

Gurraandhala 15/02/2026WBO'n Zoonii Madda Albuudaa fi Zoonii GG guyyaa hardhaa injifannoo guddaa d**narratti galmeessen ...
15/02/2026

Gurraandhala 15/02/2026
WBO'n Zoonii Madda Albuudaa fi Zoonii GG guyyaa hardhaa injifannoo guddaa d**narratti galmeessen meeshalee gosa gara garaa hedduu hiikkatee jira💪

Address

Oromia
Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaal A.Seenaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category